Fana: At a Speed of Life!

Walirraa fageenya qaamaa eegudhaan walgargaarun itti fufuu qaba- MM Dr Abiy

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC) – Walirraa fageenya qaamaa eegudhaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuun, walgargaarun itti fufuu qaba jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Dooktar Abiy ergaa isaanii karaa fuula Feesbuukitiin dabarsaniin walirraa fageenya qaamaa eegudhaan, aadaa arjummaa fi hawaasummaa cimsuun murteessadha jedhan.
 
Ayyaanni kaleessaa haala seenaa irratti galmaa’uu danda’uun, walgargaaruun kabajamuu ibsaniiru.
 
Duudhaan arjummaa fi garalaafinaa nu waliin kan turanidhas jedhan.
 
Kanaaf naannoo keessanitti kanneen deeggarsi isaan barbaachisuf qaqqabuun aadaa ta’ee itti yaa fufuun dhaamaniiru.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.