Fana: At a Speed of Life!

Waliin gahiinsa ijaarsa Daandiwwaniitiif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuun murteessadha” – Dr. Girmaa Amantee

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – “Jijjiirama Diinagdee Naannoo Oromiyaa caalmatti Guddisuuf Waliin gahiinsa ijaarsa Daandiwwaniitiif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuun murteessadha” – Dooktar Girmaa Amantee

Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastara Misooma Baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee waltajji gamaggama raawwii hojii Abbaan Taaytaa Daandiwwan Oromiyaa qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamatti gaggeesserratti argamuun hasaa taasisaniin sochii Diinagdee Naannoo Oromiyaa cimsuuf waliin gahiinsi daandii xiyyeeffannoo kan barbaadudha jedhan.

Ijaarsi daandiwwanii haala baratamee kan deemamu osoo hin taanee kallattii fayyadamummaa Ummata mirkaneessuu danda’uun ta’uu qaba jedhan.

Kontiraaktarootaa fi konsaltoota quuqaman rakkoo ummata hiikuuf xiyyeeffannoon hin hojjanne Godinaalee qabatanii taa’an irratti tarkanfin kan fudhatamu ta’uu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Sabboonummaa fi aantummaan hooggansa sadarkaan jiranii kan inni ittiin madaalamuun bu’aa qabatamaa lafarratti argisiseen ta’uu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu gamasaanitiin “abbaan Taaytaa Daandiwwaanii Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa Ummata bal’aa mirkaneessuuf misooma ijaarsa Daandiwwanii, suphaa daanditii fi piroojaktoota buuleyyii irratti cimsee kan hojjatu ta’uu dubbatan.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo oromiyaa beeksiseetti proojaktii haaran haala kanaan dura baratameen harkifannaa uumuun madda komii Ummata akka hin taaneef tarsiimoowwan adda addaa qopheessuun hojirra oolchaa jiraachus ibsan.

Ijaarsa Daandiwwanii keessatti dhimmi qulqullinaa , itti fayyadama yeroo fi bajataa irratti xiyyeefannaa kan barbaadu ta’us dubbatanii jiru.

Godinaalee waliin gahiinsa daandii,suphaa daandiwwanii ,itti fayyadama bajataa fi yerooratti fooyyee argamsiisaniif waraqaan beekamtii fi badhaasni kennameefi jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.