Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen tikeettii lootarii gama diijitaalaan dhiyeessuu dandeessisu mallattaa’e

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Ityoo-Telekoomiifi Bulchiinsi Lootarii Biyyaalessaa waliigaltee tikeettii lootarii gama diijitaalaan dhiyeessuu dandeessisu waliif mallatteessan.

Daayrektarri Olaanaan Bulchiinsa Lootarii Biyyaalessaa obbo Garramawu Gaarijeen, bulchiinsichi waggoottan 60 darbanitti lootarii maamiltootaaf dhiyeessuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu yaadachiisuun, yeroo ammaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun maamiltoota fayyadamtoota bilbilaaf lootarii diijitaalaa  dhiyeessuu eeraniiru.

Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun gamasaaniin, filannoon lootarii diijitaalaa maamiltoonni hedduun akka fayyadaman, tajaajilicha dhiyeenyattiifi saffisaan akka argatan kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Lootarii diijitaalaa Admaas jedhamu gama teelee Birriin yookaan ammoo gama ergaa gabaabaa 605 bituun akka danda’amu, kaffaltiin erga raawwatameen booda nagahee kaffaltii kan erguufi tikeettii tokkoo ol bituu kan nama dandeessisu ta’uu ibsameera.

Qiddist Abaataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.