Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen taasifamee manneen itti hingalamne

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC)-Waggoota garaagaraatti manneen waliin jireenyaa 20/80, 40/60 fi manneen daldalaa waliigalteen taasifamuun dabarfamanii fi namni itti hingallee jiraachuun “Gochaan Seeraan alaa keessatti raawwataamaa jira” jedhamuun komii uumaa jira.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet dhimmicha ilalhcisuun Koorporeeshinii Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa Deebii gaafateera.

Daayrektarri Korporeeshinichaa Shimallis Taammiraat deebii kennaniin, manneen jireenyaa fi daldalaa carraa fi caalbaasiin carraan nitti bu’uu abbootii carraa waliin waliigalteen taasifame, kanneen carraan ba’eef akka gara manaa isaaniitti galan beeksisi waamicha yeroo lama taasifameera jedhan.

Kana hordofees saayitiiwwan garaagaraatti namoonni galuu eegalanillee, waliigalteen taasifamee manneen duwwaa namni itti hingalin jiraachuu ibsaniiru.

Manneen namoonni itti hingallee gochaa seeraan alaa keessatti raawwataa jiraachuu eeruun qaqqabuunii himanii, rakkocha hambisuuf dirqamaa namoonni manichatti galuu qabu jedhan.

Kunis bu’uuraaleen misoomaa guutamuu dhabuurraan akka ta’e kaasanii, naannawaa bu’uuraaleen misoomaa hinguutamnetti furmaanni waaraan kennamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Saayitii manneen jireenyaa Boolee Arraabsaatti tajaajila bishaanii dhiyeessuuf bakki to’annoo qulqullinaa ijaaramaa akka jiruu fi baatiiwwan lama keessatti akka xumuramuu himaniiru.

Akkasumas naannawaa Haayaat Caffeetti manneen jireenya 40/60’f hojiin bu’uuraalee misooma guutuu gaggeeffama jiraachuu himanii, hangasitti furmaanni yeroo kennamaa jiraachuu dubbataniiru.

Rakkooleen jiran walduraa duubaan deebii kan argatan ta’uu himanii, abbootiin carraa waliigaltee raawwatan, hanga Sadaasa 30, 2017’tti mana waliigaltee raawwatanitti galuu akka qaban hubachiisaniiru.

Namoonni itti hingalan yoo ta’e, hojiin addaa baasuu barbaachisaan taasifamuun qaamolee sadarkaan jiraniin murteen akka itti kennamu taasifama jedhaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.