Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Sudaan cabeera jechuun odeefannoon miidiyaaleen Gibtsi tamsaasaa jiran olola sobaa ta’uu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Waliigalteen Sudaan cabeera jechuun odeefannoon miidiyaaleen Gibtsi tamsaasaa jiran olola sobaa ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbee Ministeera Dhimma Alaa har’a laataniin, Ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa Keeniyaa, Hindii fi Beeljiyeemitti argaman bakka buutoota biyyoota kanneenii waliin mari’achuu ibsaniiru.
Marii kanaanis haala qabatama Ityoophiyaan biyyoota kanneen hubachiisuun danda’amuu himaniiru.
Hariiroo daldalaa, Invastimantii fi siyaasaa biyyoota kanneen waliin qaban caalmaatti cimsuun haala danda’amurratti mariin taasiifamuus kaasaniiru.
Itti aanaan Ministira Alaa Xaaliyaanii fi Itti aanaan Ministira Alaa Noorweey Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin dhimmoota adda addaarratti marii bu’aa qabeessa taasiisuus eeraniiru.
Akkasumas obbo Dammaqaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa Soomaaliiyaa waliin haala nageenya gaanfa Afrikaarratti mari’achuu Amabaasdaaddar Diinaan dubbataniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf mootummaan tattaaffii olaanaa taasiisaa jiraachuu eeraniiru.
Hidhaan Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa tibbana anniisaa maddisuu eegalu hordofee miidiyaalee Gibtsi waliigalteen Sudaan cabeere jechuun odeeffannoon tamsaasan olola sobaa ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaanii himaniiru.
Waliigaltichi hidhaan haaromsaa anniisaa akka hin maddisiifne dhorkaan kaa’e hin jiru, ijaarsi hidhichaa gaggeeffamaa mariin sadee akka mari’atamu ifatti kan kaa’e ta’uu himuu isaanii EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.