Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Proojektii maddaa Anniisaa elektirikaa aduu Gaadii fi Diicheetoo addaan cite

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Proojektiin madda Anniisaa elektirikaa aduu Gaadii fi Diicheetoo addaan cituu Biiroo Injiinariingii Tajaajila Humna Elektirikii Ityoophiyaatti, Qajeelchi Proojektii Misoomsitoota Dhuunfaa Humna Elektirikaa fi Tumsa Mootummaa fi Dhuunfaa beeksise.
Daayrektarri Qajeelchichaa Obbo Tasfaayee Xilaayee, waliigaltechi kan addaan cite dhaabbileen Saa’ud Arabiyaa Akwaa Paawor jedhamu faayinaansii barbaachisa dhiyeessuu dhabuurraan akka ta’e eeraniiru.
Kubbaaniyyichaaf gaaffii yeroo dheeressuu si’a afur dhiyeessuun kan eeyyamameef ta’us, dhiyeessii faayinaansichaa milkeessuu akka hindandeenye eeraniiru.
Haaluma kanaan Boordii Tumsaa Mootummaa fi Dhuunfaatiin kontiraanni dhaabbilee lameenii akka addaan cituu murtaa’eera.
Rakkicha furuuf Ministeeraa Maallaqaa, Boordii Tumsa Mootummaa fi Dhuunfaa akkasumas Baankii Biyyaalessaa waliin mari’atamuu kaasanii, fuulduratti madda anniisaa proojektoota misoomsitoota dhuunfaatiin ijaaraman akka kennamu eeyyamamuu eeraniiru.
Dhaabbatichi, dhiyeessii faayinaansii dhaabbilee liqeessitootaarraa %75 akkasumas %25 dhaabbilee misoomsiitootaa dhuunfaa, ispoonsarootaa fi abbootii aksiyoonaarraa baatii jaha keessatti dhiyeesuuf waliigalee turuu himaniiru.
Proojektiin Maddaa anniisaa Elektirikaa Aduu Gaadii fi Dicheetoo tokkoon tokkoo isaanii meeggaa waatii 125 maddisiisuu kan danda’an yoo ta’u, dhaabbileen proojektii Dicheetoo baatiiwwan 18tti, Gaadii ammoo baatiiwwan 15 keessatti xumuruun tajaajilaaf dhaqqabsiisuuf karoorfatee turuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.