Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen proojaktoota bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 74 olii mallatteeffame

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Waliigalteen proojaktoota bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 74 olii mallatteeffame.

Waliigalticha Biiroon Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa, dhaabbata “Woord en Daad” jedhamu waliin mallatteessaniiru.

Proojaktichi rakkoo bishaan dhugaatii godina Arsii Lixaa aanaa Sanbatee Shaallaa fi gandoota 5 furuuf hojjetama.

Ijaarsichaaf waliigalteen Birrii 74,056,862.91 mallatteeffameera.

Proojaktiin kun gaafa xumuramu namoota 39,000 rakkoo bishaan dhugaatii qulqullu jalaa baasuun walin ga’iinsa bishaanii aanichaa 7% irra gara 57% ol guddisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.