Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Piriitooriyaa waliigaltee seena qabeessa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Waliigalteen Piriitooriyaa waliigaltee seena qabeessa, Itiyoophiyaa gaaga’ama hedduurraa baraareedha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Waggoottan lamaan darban keessaa waraanni dabalataa akka hin uumamne hojiin Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigiraay hojjete kan dinqiisiifamu ta’uus kaasan.
Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsi Yeroo Naannichaa waliigalticha karaa guutuun hojiitti hiikuuf tattaaffii taasiisaa turan, ammas itti fufuu kaasan.
Ummanni Tigraay waraana hin barbaadu kan jedhan Dooktar Abiyyi, qaamoleen dhuunfaa dibbee waraanaa rukutan gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dhimmoota waliigalticha guutummaatti hojirra oolchuuf fayyadan biroos mareen xumuruuf Mootummaan Federaalaa yeroo kamuu xiyyeeffannoo kenneefii hojjetaa akka jiru hubachiisaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.