Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen ogeeyyii fi gariin ogeeyyii gara Saa’udiitti erguuf dandeessisu akka mallatteeffamu gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Waliigalteen Itiyoophiyaanota ogeeyyii fi gariin ogeeyyii ta’an gara Saa’udii Arabiyaatti erguuf dandeessisu akka mallatteeffamu Saa’udii Arabiyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir gaafatan.
Ambaasaaddar Dooktar Muktaar Kadiir Ministeera Dhimma Alaa biyyattiitti Daayreektera Waliigalaa Dhimmoota Afrikaa Saaqar Al Qoraashii waliin dhimmoota gamlamee, naannawaa fi haala yeroo irratti mari’ataniiru.
Maree kanaanis dhimmoota tumsa waloo misoomaa fi inveestimeentii biyyoota lamaanii cimsuu dandeessisan irratti mari’ataniiru.
Adeemsi lammiileen Itiyoophiyaa wiirtuuwwan tursiisaa keessa jiran gara biyyaatti ittiin deebi’anis tumsa qaamota lamaaniin jabaatee akka itti fufe ka’eera.
Ambaasaaddar Dooktar Muktaar Kadiir wayituma kana waliigalteen lammiilee Itiyoophiyaa ogeeyyii fi gariin ogeeyyii ta’an gara Saa’udiitti erguuf dandeessisu akka mallatteeffamu gaafataniiru
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.