Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaa kan boonsee injifannoo Afrikaanummaati-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Bu’aan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatti waliigalame Ityoophiyaa kan boonsu Injifannoo Afrikaanummaa ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin dubbatan.

Obbo Dammaqaan haala yeroo irratti hojjettoota Ministeeraa Dhimmaa Alaaf ibsa kan kennaan yoo ta’u, hojjettootarraa gaaffilee ka’aaniif ibsaa fi deebii bal’aa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis, mootummaan, biyyattii gara nageenyaatti akka deebituuf fedhii argisiisaa dhufuu eeruun, waliigalteen Piriitooriyaatti taasifames murannoo fedhii nageenyaa mootummaan qabu kan mirkaneessee fi aantummaa dhugaa ummataaf qabu kan calaqqisiise ta’uu eeraniiru.

Waliigaltechi yeroo mara qajeelfama rakkoo Afrikaa furmaata Afrikaa jedhuun gaggeeffamuun Ityoophiyaa kan boonsu nageenya waaraa fiduu kan danda’uu injifannoo Afrikaanummaa ta’uu kaasaniiru.

Bu’aan argamees hariiroo alaa fi hojiilee dippilomaasiif tumsa ta’uu kaasuun, hojjettoonni kana hubachuun ittigaafatama isaanii ga’umsaan akka bahatan hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.