Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaa gidduu seentummaa alaa malee rakkoo keessoo ishee hiikuuf dandeetti qabaachuu kan agarsisedha- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaa gidduu seentummaa alaa malee rakkoo keessoo ishee hiikuuf dandeetti qabaachuu kan agarsisedha jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Jilli Obbo Dammaqaan durfamu yaa’ii sochii biyyoota Walabaa Azarbaajaan Magaalaa Baakutti gaggeeffamaa jirurraatti hirmachaa jira.

Obbo Dammaqaan yaa’iichaarratti hasaawa taasisaniin, Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaa gidduu seentummaa tokko malee rakkoo keessoo ishee hiikuuf dandeetti qabdu kan agarsiseedha jedhan.

Ityoophiyaan sochiin biyyoota walaaba erga hundaa’ee gahee ishee bahachaa turuus yaadachiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.