Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen misoomaa diinagdee dijiitala tumsuu danda’uu mallateeffame

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Misooma diinagdee dijiitalaa Ityoophiyaa tumsuuf kan dandeessisuu waliigalteen Ityoophiyaa fi Jarmaan gidduutti mallateeffameera.

Waliigaltichi misooma diijitaalaa 2025 fi imaammataasaa deeggaruuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Diinagdee misoomaa Ityoophiyaa damee dhuunfaa hojiichaa mijataa taasisuu fi dameen dhuunfichaa shooraasaa hojiirra akka oolchuuf fedhin biyyoota lamaanii ta’uu sirna mallatichaarratti ibsameera.

Keessaayu interpiraayizoonni xixiqaa fi giddugaleessaa diinagdee dijiitaala keessaa sirnaan akka hirmaataniif xiyyeeffannoon adda akka laatamuu ibsamu ragaan Ministeera Maallaqaarra argamee ni muul’dhisa.

Waliigalticha Ministirri Ministeera dhimmoota diinagdee fi Inarjii Jarmaan Vaandaariviitaaz fi Jarmanitti ambaasaaddarrii Ityoophiyaa Muluu Salamoon mallatteessaniiru.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.