Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen karraa galaanaa argachuuf mallatteeffame cabiisaa Itiyoophiyaa kan suphuudha-MGL

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuuf waliigalteen Somaalii laandi waliin mallatteessitee cabiisaa ishee kan suphuu fi gaaffiii dhalootaaf deebii kan kennuudha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Hojjettoonni fi hoggantoonni ministeerichaa waliigaltee Itiyoophiyaan Somaalii Laandi waliin karraa galaanaa argachuuf mallatteessite hordofee gammachuu isaanii ibsaniiru.

Saganticharratti Dooktar Alamuu Simeen akka jedhanitti, cabiinsa Itiyoophiyaa suphuuf akkaataa waadaa galaniin waliigaltee Itiyoophiyaan karraa galaanaa argachuuf mallatteessite damee loojistiksii dagaagsuuf gaheen olaanaa akka qabaatu yaadachiisan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad cabiinsa Itiyoophiyaa suphuu fi barootaaf gaaffii dhalootaa keessatti uumameef deebii kennuuf carraaqqii olaanaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Karrichi meeshaalee galii fi daldalaa alaa Itiyoophiyaa, akkasumas guddinaa fi birmadummaa hunda galeessaa biyyattiif hiika olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaalii Laandi gidduutti taasifame karraa baroota dheeraf Itiyoophiyaarratti cufamee ture waliigaltee banu akka ta’e Hoji Gaggeessaa Olaanaa Dhabbata Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Dooktar Bariisoo Amaloon ibsan.

Keessumaa hojiin dhaabbatichi gaggeessuu galaanaan kan walqabatuu ta’uun sochii daldalaa keessatti gatii geejjibaa fi baasii hinmalle hir’isuun, sochii daldalaa kan dabalu, guddina diinagdee kan fiduu, walitti hidhamiinsa hawaasummaa kan cimsuu fi birmadummaa kabachiisuuf, hojii buufata doonii misoomsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.