Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilandi hariiroo bu’uuressuun, fayyadamummaa waloof balbala bana-Taaboor Naazh

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilandi gidduutti mallatteeffame hariiroo baroota dheeraaf turu bu’uuressuun, fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf balbala kan banuudha jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Duraanii Ameerikaa Taaboor Naazh.

Ambaasaaddar Taaboor Naazh gaaffii deebii Somaalilaandi Kironikil waliin taasisaniin Itiyoophiyaaf barbaachisummaa buufataa doonii ilaalchisee yaadni baatiin dura ifoomsite biyyoota ollaa fayyadamtoota taasisuurra kan darbe miidhaa biraa akka hinqabne ibsan.

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallatteeffames hariiroo baroota dheeraa lakkoofsisuu danda’u bu’uuressuuf kan tumsu ta’uu himanii, bu’uuraalee misoomaa waloon babal’isuuf, walitti hidhamiinsa diinagdee guddisuuf, nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu akkasumaas badhaadhina waloo mirkaneessuuf boqonnaa murteessa ta’uu dubbatan.

Waliigaltichi sadarkaalee hedduu kan darbee fi sirriitti kan itti yaadame akka ta’e eeruun, fuuldurattis waliigalteewwan waloon hojjechuuf isaan dandeessisu hedduu raawwachuu akka danda’an ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.