Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi milkaa’ina dippilomaasii damee hedduuti-Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Waliigalteen karra Galaanaa argachuu Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallatteeffame milkaa’ina dippiloomaasii damee hedduu ta’uu Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa ibsan.

Ambaasaaddaroonni kunneen FBC’f akka ibsanitti, waa’ee waliigaltee taasifameerratti hubannoon barbaachisaa gama uumuun xiyyeeffannan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Paakistaanitti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakar, waliigaltichi imalli dippilomaasii Itiyoophiyaa eessa akka ga’e kan argisiisuudha.

Biyyaa itti Ambaasaaddarummaan ramadamaniittis ta’e haala mijataa kamittuu hojiileen dippilomaasii hojjetamaa jiraachuu kan kaasan ammo Hindiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buzunash Masarat, waliigaltichi Addunyaa guyyuu taateewwan haaraa keessummeessitu keessatti karraa galaanaa utuu hinqabaatiin itti fufuun qormaataa ta’uu tilmaama keessa kan galcheedha jedhan.

Adeemsi dippilomaasummaa waligaltichaas haaluma kanaan akka itti fufu fi dippilomaasiin damee hedduu akka itti fufu Ambaasaddaroonni kunneen eeraniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.