Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallatteeffame gaaffii fi injifannoo dargaggootatti–Federeeshinicha

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Gaaffiin buufata Doonii argachuu dargaggootaan yeroo dheeraaf gaafatamaa ture waliigalteen deebii argachuun injifannoo dhalootaati jechuun Federeeshiniin Dargaggoota Ityoophiyaa ibse.

Federeeshinichi karraa galaana argachuuf sanada waliigaltee Itiyoophiyaa fi Soomaaliilaandi mallatteessan ilaalchisuun ibsa kenneen, waliigaltichi walta’iinsa hawaasumma, diinaagdee, siyaasaa fi dameewwan loltummaa kan cimsuu ta’uun ibsameera.

Akkasumas waliigaltichi yaaddoo waggootaa dheeraa Itiyoophiyaaf furmaata ta’uu akka danda’u eerameera.

Gaaffiin baroota dheeraaf dargaggoota Itiyoophiyaan ka’aa ture fayyadamummaa waloon mirkaneessuun, misoomaa fi badhaadhina Ganfaa Afriikaaf shoora olaanaa qabaachuunis ibsameera.

Mintasinoot Mulugeetatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.