Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallattaa’e qajeelfama kennanii fudhachuu kan kabaje fi walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsuudha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallattaa’e qajeelfama kennanii fudhachuu kan kabaje fi walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsu ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensi koree dhaabbii Hariiroo Alaa fi dhimmoota nageenya Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.

Tattaaffii Itiyoophiyaan hiyyummaa keessa ba’uuf taasiiftu kan tumsuu fi faayidaa biyyaalessaa kan kabachiisu ta’uu eeraniiru.

Waliigaltichi adeemsa nagaa kan hordofe, qajeelfama kennanii fudhachuu kan kabaje ta’uu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Tumsa ummattoota biyyoota lamaanii kan mirkaneessuu fi qaama kamiiyyuu kan hin miine ta’uu ibsaniiru.

Dhimmi buufataa dhimma birmadummaa Diinagdee Itiyoophiyaa ta’uu hubatamuu qaba jedhan.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiiftu roga gaariin fudhatamuu akka qabuu fi qaamni kamuu tumsuu akka qabu dubbataniiru.

Hojiin faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu kan mootummaa qofa osoo hin taane gahee lammiilee hundaa ta’uu himaniiru.

Tumsi diinagdee naannawichatti taasiifamu kan nageenyaa mirkaneessu malee madda walitti bu’iinsaa ta’uun irra hin jiraatu jedhaniiru.

Waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e qaamolee lamaanirra darbee naannawicha diinagdee, Turizimii fi aadaan walitti hidhuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.