Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen daldala midhaan alaa Yuukreen haaromfamuu gabaafame

Finfinnee, Bitootessa ,2015 (FBC)- Waliigalteen daldala midhaanii Yuukreen gama Garba Gurraachaan akka taasistu ishee dandeessisu haaromfamuu Ittaanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Aleeksaandar Giruushikoon ibsan.

Waliigaltichi baatiiwwan sadan dhufaniif haaromfamuu ibsaniiru.

Mariisisummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Turkiin Yuukreen gama Garba Gurraachaan midhaan gabaa alaaf akka dhiyeessituuf waliigalteerra gahamuun kan yaadatamudha.

Waliigaltichi qoqqobbii diinagdee biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa’an akka kaasan of kessatti hammatus hanga ammaatti hojiirra hin oolle jechuun Mooskoon komachaa jiraachuu ibsameera.

Aleeksaandar Giruushikoon, dhimmi kun ariitiin furmaata argachuu qaba jechuu RTn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.