Waliigalteen carra hojii uumuu baqattootaa fi lammiilee baqattummaarra deebi’aan fayyadamoo taasisuu mallatta’e
Finfinnee, Fulbaana 17, 2014 (FBC)- Komishiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa fi Ejensiin dhimma baqattootaa fi lammiilee baqattummaarra gara biyyatti deebi’anii waliin ta’uun damee hojii adda baasuun wal gargaarsaa fi qindoominaan hojjechuuf kan isaan dandeessisu waliigaltee mallatteessaniiru.
Waaligaltichaan baqattootaa fi lammiilee baqattummaarra deebi’aan diinagdee hawaasaa waliin qabaan fooyyeessuufi jedhameera.
Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu obbo Xilahuun Niguus, hojii gabaa keessaatti qonnaan, indaastirii fi kanneen boroorratti xiyyeeffannoon ni hoojeetamaa jedhaniiru.
Daayreektarri olaanaa dhimmoota baqattootaa fi baqattoota deebitootaa obbo Tasfaayee Gobaazaay gama isaaniin, yeroo amma kana waliigala baqattoonni kumni 900 ta’aan Ityoophiyaa keessaa kan jiranii fi waggoottaan arfaan darbanitti lammiileen miiliyoona walakkaa caalaan gara biyyaa deebi’uu kaasaniiru.
Guyyaa har’a komishinii carraa hojii uumuu waliin waliigalteen raawwatamee lammiilee kanneen fayyadamoo hojii fi diinagdee kan taasisuudha jedhaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.