Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi hawaasa daldalaaf shoora olaanaa qaba-Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinee, sadaasa 8,2015 (FBC)- Nageenyi hawaasa daldalaaf shoora olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa  Obbo Taayyee Danda’aan ibsan.

Waltajjiin marii mata duree “ Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gahee dhaabbilee faayinaansiifi dhaabbilee misoomaa mootummaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoota olaanoo Ministeera Nageenyaafi Innisheetiivii Afrikaa dabalatee qaamoleen dhimmatootaa dhaabbilee garaagaraarraa walitti bobba’an hirmaachaa jiru.

Waliigalteen biyyaalessaa hin jiru taanaan siyaasni ni dhibama, dhibamuun siyaasaa ammoo dhimmoota diinagdeefi hawaasummaa biyyattii jeequun gaaga’ama uuma jedhan jedhan Obbo Taayyeen haasawaa waltajjicharratti taasisaniin.

Dhibeen siyaasaa kan wal’aanamu mariin ta’uu ibsuun, hundi waloon irratti hirmaachuuniifi maricha milkeessuun nageenya waaraa uumuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattiitti mul’atan furuuf ni gargaara jedhamee kan amanamu ta’uu ibsameera.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.