Waliigalteen biyyaalessaa mootora badhaadhina keenyaati- Preezdaant Dastaa Leedaamoo
Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Bu’uurri imala badhaadhina Ityoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo ibsan.
Waltajjiin marii Nageenya Biyyaalessaa Magaalaa Hawaasatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi qindoomina Ministeera Nageenyaa fi Bulchiinsa Naannoo Sidaamaan qophaa’uu ibsameera.
Waltajjii Marii kanarratti qaamooleen Nageenyaa mootummaa Federaalaa, Naannoolee fi Magaalaa hirmaataniiru.
Duudhaalee Abbootiin keenya wal dhabdee hiikuu irratti qaban hojiirra oolchuun misooma itti fufsisuu qabna jedhan Preezdaantiin Bulchiinsa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoon.
Ityoophiyaanoonni hundi wal gargaarree yoo wal hubanne humna guddaa Badhaadhinaa waliif taana jedhan.
Nageenya kan mirkaneessu Mootummaa Fedeeraalaa qofa osoo hin taane, hoggantoonni naannoolee dhimmoota naannawaa keenyatti walitti bu’iinsa uumuu danda’an dursinee sakatta’uudhaan adda baafannee tarkaanfii irratti fudhachuu qabna jedhaniiru.
Naannoon Sidaamaa nageenya eegsisuu keessatti muuxannoo Naannoolee birootiif babal’achuu qaban qabaachuu eeraniiru.
Waltajjii Marii kana irratti Waraqaan Qorannoo Imaammata Nageenyaa Ityoophiyaa dhiyaachuun irratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
Waltajjichi guyyoota lamaaf kan taa’amu ta’uu eerameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.