Waliigalteen Ankaaraa walta’iinsa Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu kan cimsu ta’uun ibsame
Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)-Waliigalteen Ankaaraa walta’iinsaa fi obbolummaa baroota dheeraa Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu kan cimsu ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangulm Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dubbatan.
Obbo Ashadiliin waliigalticharratti marii hoggantoota naannichaa waliin taasisaniin, waliigaltichii aadaa garaagarummaa mariin furuu Itiyoophiyaa addunyatti kan mul’isedha jedhan.
Imala badhaadhina hunda galeessa biyyattiin eegalte tumsa jedhanii, Itiyoophiyaan waggoottan darban nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa cimsuuf hojiilee dippiloomaasii olaanaa taasisuu hubachiisaniiru.
Fedhiin Itiyoophiyaa fayyadamummaan haqa qabeessi akka mirkaanaa’uudha jedhanii, waliigalteen Ankaaraa obbolummaa baroota dheeraa biyyoota ollaa waliin qabdu kan cimsuu fi gaaffii karra galaanaa ishee karaa nagaan deebii akka argatu taasisaa ibsaniiru.
Haaluma walfakkatuun Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad marii hoggantootaa naannichaa waliin waliigaltee Ankaaraarratti taasisaniin, waliigaltichi kutannoo Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf qabdu kan argisiisu ta’uu himan.
Waliigaltichi tokkummaa diinagdee fi nageenya naannawichaaf gahee olaanaa akka qabu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan karra galaanaa amansiisaa fi waaraa argachuuf beekkamtiin kennamuun mootummaan damee dippiloomaasiin milkaa’ina argamsiise ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii naannoleerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia