Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruu dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Sanadni Sagantaa adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruu dandeessisu Ministeera Maallaqaa, Komishinii Marii Biyyaalessaafi Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gidduutti mallatteeffame.

Sagantichi waggoota sadiif hojiirra kan oolu ta’uufi Sagantaan Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhaabbilee deeggarsa misoomaarraa deeggarsa walitti qabuuf kuusaa maallaqaa banuun kan bulchu ta’uu eerameera.

Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruuf Doolaara miiliyoona 2.2 ramaduu beekameera.

Kuusaa maallaqaa Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin banamutti waggoottan sadii keessatti dhaabbilee deeggartoota misoomaarraa Doolaara miiliyoona 32.8 walitti qabuuf karoorfamuu ibsameera.

Bajata waggaa mootummaan komishinii marii biyyaalessaaf ramadu dabalataan kuusaan maallaqaa sagantichaan banamuufi maallaqni deeggartoota misoomaarraa walitti qabamu deeggarsa imaanaan (Tirust Fund) kan hogganamu ta’uu  ta’uu eerameera.

Hundeeffamuun Tirust Fundichaa komishinichi ergama isaa akka ba’atuuf gahee kan ba’atu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.