Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen abbootii carraa manneen waliin jireenyaa marsaa 13ffaa waliin taasifamaa jiru, manneen gaffii daangaa keessa jiran hin dabalatu

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Waliigalteen abbootii carraa manneen waliin jireenyaa marsaa 13ffaa waliin taasifamaa jiru, manneen gaffii daangaa keessa jiran hin dabalatu jedhame.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee akka beeksisetti, waliigalteen dabarsa manneenii, manneen gaaffii daangaa keessatti argaman hin dabalatu.

Waajjirri Kantiibaa Finfinnee ibsa baasen akka beeksisetti, walii galteen dabarsa manneen amma raawwatamaa jiru kun kanaan dura kanneen abbaa carraa manaa ta’anii sababa dhuunfaa isaanitiin osoo walii galticha hin xumurin turaniidha.

Walii galteen qaama dabarsa manneenii ta’e kun manneen gaaffii daangaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaase hin dabalatu jedheera.

Dhimmi mannneen waliinii gaaffii daangaa kaasan keessatti argamanii karaa koree mootummaa federaalatiin dhaabbate, bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinneen ilaalamaa jiras jedheera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.