Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee Piriitooriyaaf deebii qabatamaatu barbaachisa -TKM

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Waliigaltee Piriitooriyaaf deebii qabatamaan kan barbaachisu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Gaaffii ABUT tibbana Waliigalteen Piriitooriyaa akka kabajamu gaafate mootummaan sirnaan ilaaluu ibseera.

Rakkoo Kaaba Itiyoophiyaatti mudate waaraan furuuf waliigaltee Piriitooriyaa guutumaan guutuutti hojiirra oolchuun furmaata jalqabaa ta’uu mootummaan kan amanu akka ta’e Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.

Dhimmicha ilaalchisee Mootummaanis ejjennoo cimaa fi kan hin jijjiiramne qabaachuu ibseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa ejjennoorra darbee waliigalticha hojiitti hiikaa jiraachuus ibseera.

Akkaataa Waliigaltichaan hojiilee hedduu raawwachaa turuu fi ammas raawwachaa jiraachuu himeera.

Waliigaltee nageeyaa Piriitooriyaa as Birrii biiliyoona 37 ol baasii gochuun bulchiinsa yeroo naannichaaf deeggarsa taasiisuu himeera.

Iddoolee/daangaalee walfalmisiisoo ta’an akkaataa heera mootummaan murtoon ummataa akka itti laatamu kanneen dhimmi ilaallatu waliin waliigalteerra ga’amuu himeera.

Akkaataa waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaan ABUTis hidhattoonni gara jireenya idileetti akka deebi’an taasiisuu qaba jedheera.

Mootummaan Federaalaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa hundeessuun waan irraa eegamu guutuu ibseera.

Ummata naannichaaf wanta barbaachisu guutuuf mootummaan dhaabbilee deeggartootaa waliin murannoon hojjechaa jiraachuu fi ammas murannoo cimaa qabaachuu tajaajilichi ibsa isaan eereera.

Ammas nageenya, misoomaa fi tasgabbii ummata Itiyoophiyaaf jecha, Waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra oolchuun rakkoolee ummata Tigraay waaraan furuuf dhimmoota ijoorratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu mootummaa ni amana jedheera.

Mootummaan Federaalaa Dhimmoota kanneen hojiitti hiikuun nageenya, Misooma fi Tasgabbii Ummataa Tigraayii fi guutuu ummata Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ammas murannoon kan hojjetu ta’uu himeera.

Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaan hojiirra akka oolu Qaamoleen dhimmi ilaallatu deeggarsa barbaachisu akka taasiisan Mootummaan Federaalaa waamicha dhiyeessuu Tajaajilli Kominikeeshinii ibsa har’a kenneen ibseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.