Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiitti hiikuuf hojjetamaa jira – Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Mootummaan Waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiitti hiikuuf hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun Paarlaamaa Jarmanitti Itti Gaafatamtuu Koree Dhaabbilee Idil Addunyaa fi Walitti bu’iinsa waliin waliinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Moonikaa Giraatarsi waliin mari’ataniiru.

Jarmanii fi Itiyoophiyaan hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun maricharratti kaasaniiru.

Biyyoonni lamaan dhimmoota Diinagdee fi Siyaasarratti tumsaan hojjechaa jiraachuu eeruun, hariiroon kunis cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Mootummaan Waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiitti hiikuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uun nageenya naannawichaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Moonikee Giraatarsi gama isaaniin,Hariiroon Jarmanii fi Itiyoophiyaa caalmaatti akka fooyya’u hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Rakkoolee mudatan tumsaan furuuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraaa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.