Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee niwukilaaraaf qoqqobbiiwwan ka’uu qabu-Iraan

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Iraan Adurrahmaan Raayis waliigaltee niwukilaaraa irra ga’uuf Ameerikaan qoqqoobbiwwan keesse kaasuu akka qabdu himan.

Pireezidaantiin biyyaattii Iraan waliigaltee niwukilaaraa kaasuuf gama Ameerikaatiin wabii amansiisaa argachuu qabdi jedhan.

Amerikaa waliin fuulaaf fuulatti mari’achuuf yeroon isaa fagoo akka hintaanee eeruun,Teehiraan waliin waliigalteerra ga’uuf garuu qajeelummaa fedhii Waashingitan irratti shakkii akka qaban ibsaniiru.

Qoqqobbiiwwan kaasuun akka furmaataatti ilaalamuu qaba kan jedhan pireezidaantichi, dhimmicha of eeggannoon xumuruuf Iraan irratti himannaan siyaasaa fi bu’ura hinqabne dhaabbachuu akka qaban akeekkachiisaniiru.

Wabummaa argachuu ilaalchisees qoqqobbiiwwan itti fufiinsaan kaasuu malee, tarkaanfii yeroo akka hinbarbaanne ibsaniiru.

Dhimmichaaf furmaata waaraa argannaan waliigalteerra ga’uun ni danda’ama jechuu isaanii Aljaziiraatu gabaasee.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.