Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee nageenyaa mallattaa’een kan injifatte Ityoophiyaadha- Pireezidaanti Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallattaa’een kan injifatte Ityoophiyaadha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Pireezidaanti Saahilawarq waliigaltee nageenyaa mallatteeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniin, marii nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa tureen waliigalteen nageenyaa taasifamuu yaadachiisaniiru.

Waliigaltichi Ityoophiyaafi uummatasheef oduu gaarii ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa mallatteeffameen kan injifatte Ityoophiyaa ta’uu ibsuun, waliigalticha hojiitti hiikuun, hojiin deebisanii ijaaruu hojii salphaa akka hin taane nan hubadha jedhan.

Ityoophiyaan kana hundarraa dandamattee sadarkaa guddinaa isheef madaalurra geessisuun nurraa eegama jedhan.

Qaamolee nageenyaafi lammiilee biyyattii tokkummaafi nageenya biyyattii kabachiisuuf wareegama kaffalan seenaan kan yaadatu ta’uu ibsaniiru.

Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaafi Pireezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oliiseegoo Obaasaanjoofi Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa akkasumas qaamolee waliigalticharratti ga’ee isaanii ba’atan biroo galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.