Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame ni deeggarra–Mana Marichaa

Finfinne, Sadaasa 3, 2015 (FBC)-Waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame kan deeggaru ta’uu Manni Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Manni Maree Paartilee Siyaasaa naannoo Oromiyaa haalaa yeroorratti ibsa waloo kanneera.

Waliigalteen nageenyaa taasifame qabatamaan akka hojiirra ooluuf qaamoleen lachuu hojiirra oolchuu akka qaban Manni Marichaa hubachiseera.

Ummanni, dhaabbileen siviilii fi paartileen siyaasaas waliigalteecha hojiirra akka ooluuf tumsuu akka qaban eeraniiru.

Gama biraatiin, manni marichaa gocha ABO Shanee kan balaaleffatan ta’uu ibsuun, qaamni hidhatee socho’uu kun karaa nagaatiin gaaffii qabu akka dhiyeeffatuu fi harka kennachuu akka qabu waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.