Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee Afrikaa kibbaatti taasifameen yaadni Ityoophiyaan dhiyeessite guutummaan guutuutti fudhatameera-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad  waliigaltee Afrikaa kibbaatti taasifameen yaadni Ityoophiyaan dhiyeessite guutummaan guutuutti fudhatamuu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad  magaalaa Arbaamincitti haala waqtaawaa irratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin, waggoota lama dura wanta dhimma hin baafneef obbolaa keenya ajaja kaabaarratti haleellaa suukkanneessaan raawwatera jedhan.

Waraanni obbolaa gidduutti qofa osoo hin taane  biyyoota kamiinuu gidduutti kan barbaachisuufi deeggaramu miti jedhaniiru.

Waraanni jibba kan babl’isu ta’uu ibsuun, waraana baayyee jibbina, nuti kan barbaannu nageenyaafi badhaadhina jedhan.

Waliigalteen Afrikaa Kibbaatti taasifameen injifannoon argamuu ibsaniiru.

Injifannoo argame keessa inni tokko tokkummaafi birmadummaan Ityoophiyaa qaama kamiinuu waliin mariif kan hin dhiyaanne ta’uu ibsaniiru.

Biyya tokko keessa waraanni lama jiraachuu  hin qabu dhimma jedhurratti waliigalrteerra gahamuu ibsaniiru.

Injifannoon biraa argame naannichatti filannoon karaa seeraan alaa gaggeeffamee ture karaa seera qabeessa akka gaggeeffamuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.

Waliigaltee Afrikaa Kibbaatti taasifameen yaadni Ityoophiyaan dhiyeessite guutummaan guutuutti fudhatamuu kaasaniiru.

Carraan marii nageenyaan argame Ityoophiyaaf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Gootummaan naannolee hundaa kan mirkanaa’u lammiilee Tigraay miidhaman waloon yoo deeggarru jedhan.

Ityoophiyaa ijaaruufi warreen miidhaman deeggaruuf uummanni biyyattii deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Nageenya Ityoophiyaaf hundi deeggaruu akka qabu ibsaniiru.

Uummanni tigraayiifi lafti isaa kan keenya akka ta’e ibsaa turreerra, har’as lapheen keenya achuma jira jedhan.

Waraanni fi wareegamni hin barbaachifne asumatti dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

Yeroo baayyee marii nageenyaa booda shirri kan mul’atu ta’uu eeruun, shirri asumarratti akka dhaabbatuufi waraanni biraa akka hin kaane gaafataniiru.

Biyyoonni  Ityoophiyaa diiguuf dhaabbattan Ityoophiyaan kan hin diigamneefi kan badhaatu, fakkeenya Afrikaa taatee kan itti fuftuufi yoomillee koloniin bituun kan hin danda’amne  ta’uu eeraniru.

Biyyoota yeroo rakkinaatti Ityoophiyaa cinaa dhaabbataniif Ityoophiyaan galata guddaa kan qabdu ta’uu ibsaniiru.

Uummanni Ityoophiyaa hundi bakka jiruu ka’ee kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf qabu akka agarsiisu gafataniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattiif wareegaman galateeffataniiru.

Ityoophiyaan akka margaa kan lalistu ta’uu ibsaniiru.

Paartileefi garee siyaasaa yaada faallaa qabaniin, haa mari’annu, diinota alaaf faayidaa Ityoophiyaa dabarsitanii hin kenniinaa jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaa nagaa qabduufi badhaatuu waliin haa ijaarru jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.