Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltechi sirna heeraa fi faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa haala kabajeen milkaa’inaan xumurameera-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)-Waliigaltechi sirna heeraa fi faayidaa biyyaalessa Ityoophiyaa haala kabajeen milkaa’inaan xumurameera jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Dooktara Laggasaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin waliigalteerraa ga’uu Mootummaa Ityoophiyaa fi garee ABUT ilaalchisuun akka ibsanitti, waliigaltechi kallattii mootummaan kaa’een kan walsimu, fedhii ummataa kan guutu, nageenya waaraa kan mirkaneessu, rakkoolee bu’uuraa ummata Tigiraay kan furudha.

Injifannoo kanarra kan ga’ame humnoonni nageenyaa fi tikaa wareegama kaffalaniin, lafarratti qabatamaan injifannoo galmeessaniin, ummanni tokkummaan dhaabbachuu fi mootummaan nageenya mirkaneessuuf kutannoo argisiiseen ta’uu eeran.

“Injifannichi injifannoo Ityoophiyaanota hundaati; injifattuun Ityoophiyaadhas” jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.