Fana: At a Speed of Life!

Waliigalan diinagdeen Ityoophiyaa guddina agarsiiseera- Dooktar Iyyoob Takkaaleenyi

Finfinnee,Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Waliigalan diinagdeen Ityoophiyaa guddina agarsiiseera, yaa ta’uutii jijjiirramni jireenya namaarratti muul’atu dhabamuu isaan yaadni guddinni hin jiru jedhu akka ka’u taasiiseera jedhan Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaleenyi.
Mootummaan qormaata daraan hammaataa ta’e dandamachuu isaan guddinni diinagdee muul’ateera,Riiroormii diinagdee biyya keessaa hojiirra oolchuu wayita eeggalletti abbaa carraa ta’uu baannus fooyya’iinsichi miidhaa hedduurraa nu baraareera jedhan Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaleenyi turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin.
Diinagdeen Ityoophiyaa guddina agarsiisuu isaa agarsiisiiftuu hedduun jiraachuu kan eeruun Dooktar Iyyoob,haalli nageenyaa fi dhiibbawwan idil addunyaa guddinni biyyattii sadarkaa yaaddameen akka hin imalle gufuu ta’uu kaasaniiru.
Waraanna keessa turrus hojiin qonna Qamadii Jallisii Boneen hojjechuuf karoorfame milkaa’uun agarsiiftuu tokko ta’uu eeraniiru.
Lafa qonnaa hedduu gara hojiitti galchuun danda’amuus kaasaniiru.
% 9 fi %10 guddina galmeessuuf karoorfamee % 6.2 galmeessuun karoora qabameen gadi aanaa ta’us waliigala diinagdeen biyyattii guddinni agarsiiseera jedhan.
Dhiibbaa hedduu keessa taanee guddina diinagdee waliigalaa agarsiisuun fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa gumaacha olaanaa qabaachuu muul’isa jechuun ibsaniiru.
Bahaaruu Ydinaqaachoowtu gabaase.
.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.