Fana: At a Speed of Life!

Waliigala naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 116 ga’eera

Waliigala naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 116 ga’eera.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2012 (FBC) – Naannichatti qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbetti namoota 330 taasifameen vaayrasichi namoota 7 argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oroomiyaa beeksise.

Umriin isaanii waggaa 20 hanga 59 yoo ta’u, koorniyaadhaan dhiira 5 fi dubartoota 2 ta’uu ibsameera.

Namni 1 magaalaa Adaamaa.

Namoonni 2 magaalaa Burraayyuu.

Namni 1 Godina Shawaa kaabaa.

Namni 1 magaalaa Galaaan.

Namni 1 Godina Jimmaa.

Namni 1 magaalaa Bishooftu.

Namoonni kanneen hundii seenaa imalaa alaa hin qaban.

Namooni 3 vaayrasicharra kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 23 dandamataniiru.

Namoonni 89 yaalarratti argamu.

Namni 1 lubbuun kan darbee yoo ta’u,waliigala lubbuun namoota 4 darbeera.

Dhiira umrii waggaa 36 har’a du’ee, reeffa isaarraa samuudaa fedhatameen kan mirkanaa’eedha.

oduu wal fakkaatuun magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 1510 qaqqabee.

Magaalichattii qorannoo laabooraatorii sa’aa 24 dabre keessatti taasifameen namoota 66 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Lubbuun namoota 6 darbeera

Gama biraan ammo guyyaa kaleessaa namoonni 66 vaayrasicharra dandamataniiru.

Qorannoo laabooraatorii sa’aa 24 dabre namoonni vaayrasichi irratti argamee sadarkaa kutaa magaalaan yoo ibsamu;

Addis katamaa———— 18

Gulaallee———————6

Lidataa———————–5

Boolee———————–9

Kolfee Qaraaniyoo ————-5

Yakkaa—————————1

Nifaas Silk Laaftoo—————-3

Qiirqoos—————-6

Araadaa—————4

Aqaaqii Qaallitti——————3

Kanneen teessoon isaanii addaa ba’aa jiru—————-6

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.