Fana: At a Speed of Life!

Walharkaa fuudhiinsi konkolaattota elektirikii 150 taasifame

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)-Dhaabbilee Bulchiinsaa Magaalaa Finfinneef walharkaa fuudhiinsi konkolaattota 150 gaggeeffameera.

Konkolaattota kanneen dhaabbilee Kutaalee magaalatti 11’f akkasumas dhaabbilee bulchiinsa giddugaleessaaf kan kennaman ta’uun eerameera.

Sirna walharkaa fuudhiinsichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, kenniinsa tajaajilaa waliin ga’uuf barbaachisaa ta’uu himan.

Konkolaattonni elektirikii kunneen sababa konkolaattota moofaan faalama qilleensaa mudachuu malu ittisuuf gumaachi qabaatan olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Bittaan konkolaattotaa kunis baasii suphaaf, sarvisii fi boba’aaf ba’u kan hambisuu yoo ta’u, walharkaa fuudhiinsi kunis faalama qilleensaa ittisuuf kutannoo bulchiinsaa magaalaichaa qabu kan argisiisuudhas jedhaniiru.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.