Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin waloo Komishinii Ministirootaa Ityoo- Naajeeriyaa 3ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Walga’iin waloo Komishinii Ministirootaa Ityoo- Naajeeriyaa 3ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’ichaan, daawwannaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Abiy torban lama dura Naayjeeriyaatti taasisanii turan hordofee waliigalteewwan gamlamee biyyoonni lameen irratti waliif galanii fi haala waliin hojjechuun danda’amurratti ni mari’atuun eeggama.

Dabalataanis, dameewwan albuudaa fi indaastiriirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti ni mari’atu jedhameetu eegama.

Finfinnee fi Abuujaan kanaan dura dameewwan aadaa,daldala, saayinsii, barnootaa, tuurizimii fi qonnaan waliin hojjechuuf socho’aa turuun kan yaadatamudha.

Tsaggaayee Wandiwasantu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.