Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota ‘G20 fi Common Wealth’ Indooneezhiyaa fi Taajaakistaanitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) –  Walga’iin Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota Garee 20 fi ‘Common Wealth’ Indooneezhiyaa bulchiinsa Baalii fi Taajaakistaan Madiinaa Duushaanbeetti gaggeeffamuu eegaluu gabaafame.

Walga’ii Garee 20 har’a gaggeeffamaa jiruun Ameerikaan weerara Raashiyaan Yuukreen irratti gaggeessite bal’inaan kan kaastu ta’uu fi biyyoonni diinagdeen olaantummaa qaban Raashiyaarratti dhiibbaa akka uumaniif tattaaffii ni taasifti jedhametu eegama.

Dabalataanis Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gita isaanii Chaayinaa Waang Yuu waliin muddama Taayiwaaniifi Chaayinaa gidduutti uumamerratti walga’ichaan cinaatti  kan mari’atan ta’uu ibsameera.

Walga’ii biyyoota miseensa ‘Common Wealth’ irratti Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota kanneenii dhimmoota idil addunyaa fi naannawaarratti kan mari’atan ta’uu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.