Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Ministiroota IGAD 70ffaan Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Walga’iin Mana Maree Ministiroota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) 70ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera.

Manni marichi walga’iisaan adeemsa hundeeffama mootummaa Sudaan Kibbaa gamaaggameera.

Gareen humnoota mormiitu biyyatti baayyina naannoolee fi daangaa waliin walqabatee hanga ammaatti waliigalteera akka hin dandeenye ilaaleera.

Dabalataniis hundeeffama raayyaa ittisaa biyyaalessa biyyatti ilaalchisuun waliigalteera hin ga’amne.

Manni marichi mootummaa ce’uumsaa hundeessuuf guyyaan 13 kan hafe yoo ta’u, akka hin dheerannee fi humnoonni mormituu hundi guyyaa hafe kanatti dhimmoota garaagarummaa qaban irratti akka waliigalteerra ga’an hubachiisaniiru.

Hoomaa Awwaanisaa yeroo ammaa kana Gaanfa Afrikaa miidhaa jiru waliin ittisuu akka qaban irrattis mari’ataniiru.

Har’a waree booda eegalee ammoo walga’iin marii hoggantoota IGAD 34ffaan ni gaggeeffama jedhamet eegama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.