Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa 44ffaan xumurame

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Walga’ii Idileen Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa 44ffaan har’a obboroo xumurameera.

Raawwachiiftoonni kunneen Guraandhala 6 – 7, 2016 magaalaa Finfinneetti dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Walga’iichaan gabaasa garaagaraa fi Raawwii hojii waggaa 10 Ajandaa 2063 dhaggeeffachuu ibsameera.

Dhimmoota nageenyaa, Daldalaa, fooyya’iinsa dhaabbilee, barnootaa, Qonnaa, Jijjiirama qabeenya qilleensaa, mirga namoomaa, koorniyaa, dargaggoota ga’oomsuu, akkasumas filannoo gurmaa’insaa fi dhaabbileerratti marii bal’aa taasiisuu eerameera.

Ajandaalee Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaaf dhiyaatan raggaasisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.