Walga’iin garee maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Jeeneevaatti taa’amuu eegale
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Walga’iin miseensota garee hojii maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 5ffaan Jeeneevaatti taa’amuu eegale.
Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf mariif qophii ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen waltajjichaaf ibsineerra jedhan.
Biyyoonni miseensa dhaabbatichaa marii daldalaa waloo akka xumuran waltajicharratti waamicha dhiyeessuu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Biyyoonni 19 ol sirna baniinsarratti Itiyoophiyaaf deeggarsa qaban mul’isuun waan jajjebeessaa ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia