Fana: At a Speed of Life!

Walga’ii Idileen Mana Maree Raawwaachiistotaa Gamtaa Afrikaa 44ffaan eegale

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Walga’iin Idilee Mana Maree Raawwaachiistotaa Gamtaa Afrikaa 44ffaan ga’a Galma Gamtichaatti eegaleera.
 
Walga’ichi mata duree “Barsiisaa Afriikummaa jaarraa 21ffaa gitu, sirna barnootaa hinraafamne ijaaruun, Afrikaatti waliiga’iinsa barnootaa hunda galeessaa, qulqullina qabuu fi madaalawaa balbal’isuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.
 
Walga’icharratti Komishinaraa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Ministirootaa Dhimma Alaa, Dippilomaatotaa fi hoggantoonni dhaabbilee gamtichaa argamaniiru.
 
Manni marichaa hojiirra oolmaa naannawaa daldala walabaa saffisiisuuf hojiilee waggaa tokko keessatti raawwataman ilaalchisuun gabaasalee dhiyaatanirratti ni mari’ata.
 
Keessumaa naannawaan daldala walabaa akka hojiirra oolu taasisuuf hojii qabeenyaa walitti qabuu, hojmaataa qindaa’aa, taarifaa fi fuuncaa daldalaa irratti hojiilee hojjetaman ilaalchisuun kan mari’atu ta’uu TOI gabaaseera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.