Fana: At a Speed of Life!

Waldorgommiin Shaampiyoonaa Naangiingitti adeemsifamuuf ture sababa vaayrasii koroonaan dheereffame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Atleetiksii Idil Addunyaa waldorgommii shaampiyoonaa mana keessaa Chaayinaa Naangiingitti adeemsifamuuf ture sababa weerara vaayirasii koronaan dheeresse.

Tumsa atleetiksii idil addunyaan magaalaa guddoo bulchiinsa Jiyaangisuu kan taate Naangiing waldorgommiin atleetiksii mana keessaa baatii Eblaa bara  2020 gaggeeffamuuf kan ture, weerara vaayrasi koronaan bara Faranjoota 2021 akka dheeratu ta’eera.

Naangiing waldorgommii idil addunyaa mana keessaa baatii Eblaa bara Faranjootaa 13-15, 2020 gaggeessuuf qophii taasisa akka turte ni yaadatama.

Ibsa Atleetiksiin idil addunyaa baaseen Chaayinaan weerara vaayrasi koronaa to’achuuf carraaqqi cimaa taasiftullee vaayirasichi sadarkaa yaaddeessa irra ga’aa dhufuun isaatiin waldorgommichi Naangiingitti hin gaggeeffamu jedheera.

Dhaabbanni Fayyaa Idil Addunyaa gama isaatiin vaayirasichi biyyoota hedduutti baballachaa waan dhufeef biyyoonni of eegganno akka taasisaan hubachiiseera.

Weerara vaayirasi koronaa magaalaa Wiihaanitti ka’een hanga ammaatti namoonni 170 yoo du’an namoonni kuma 7 ol ta’an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Maddi:- BBC sport

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.