Fana: At a Speed of Life!

Waldorgommii 2015 tti kilaboonni 93 sadarkaa naannoo Oromiyaatti waliin morkatu

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015 (FBC) – Yaa’iin Kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa Magaala Bishooftuutti taa’ameera.

Yaa’ii kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa bara 2015 magaaalaa Bishooftuutti ta’ame kanaan, gabaasni raawwii federeeshinii kubbaa miilaa Oromiyaa bara 2014 dhiyaateera.

Bara wal dorgommii xumurameetti kubbaa miilaa naannoo Oromiyaa keessaatti hojii gaariin hojjatamu Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaan ibsanii.

Kilaboonni sadarkaa naannoo Oromoyaatti morkachaa turan shaampiyoonaa kilaboota naannoolee Ityoophiyaarratti hirmaachuun liigii biyyaalessaatti makamuu obbo Firaamsaan himaaniru.

Bara waldrogommii 2015 ttis kilaboonni 93 sadarkaa naannoo Oromiyaatti kan wal morkatan ta’uu himaniiru.

Naannoon Oromiyaa piriamaayeerr liigii Ityoophiyaa keessaatti kilaboota naannicha bakka bu’an hedduu kan hin qabnne tahuu eeruun, kana furuuf kilaboota sadarkaa gadirraa cimsinee baasuun kilaboota dorgomaa ta’aan horachuudhaaf hojjachaa jirra jedhan.

Hoggantuun Biiroo dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa durbee Saaamiyaa Abdallaa gama isaaniin, kilabootaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa tahan horachuuf gosa Ispoortii maraan xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jraachuu ibsaniru.

Yaa’ii walii galaa federeeshinii kubbaa miilaa Oromiyaa gaggeeffame kanaanis liigiiin Olaanaa Oromiyaa bara 2015 ramaddii 3 ttii qooddaamee magaalaa Jimmaa, Asallaafii Buraayyuutti akka gaggeeffamu himameera.

Liigii 1ffaa Oromiyaan ammoo kilaboonni 58 tti ramaddi torbatti qoodamuun kan waliin morkatan ta’uu eerameera.

Bara kana liigii 1ffaa Oromiyaafi liigii Olaanaa Oromiyaatiin kilaboonni 93 qooda akka fudhatan odeeffannoon Biiroo dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa arganne ni agarsiisa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.