Fana: At a Speed of Life!

Waldichi Lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf waamicha deeggarsa namoomaa dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa lammiilee sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf galii deeggarsa namoomaa walitti qabuuf waamicha taasiiseera.
Lammiilee rakkoo nageenyaa, balaa lolaa, weerara hoomaa awwaannisaa, vaayrasii koroonaa fi balaa namtochee fi uumamaan biroon miidhaman dhaabuuf deeggarsa namoomaa walitti qabuuf waamicha taasiiseera.
Waldichi hojjettootaa fi tola ooltootaa 300 fi ambuulaansoota 100 bobbaasuun namoolee balaa garaagaraaf saaxilaman lubbuu baraaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Iddoowwan rakkoon nageenyaa uumameetti qorannoo taasiifameen namoonni miliyoona 2 fi kumni dhibbi 5 ol deeggarsi namoomaa hatattamaa kan barbaadan ta’uu ibseera.
Naannoo Tigraay lixaa, Kibbaa, giddugalaa, kibba bahaa fi kaaba lixaa, Goondar Kaabaa, Walloo Kaabaa, Affaar, Matakkal, Konsoo, Allee, Daraashee, Beench Shakkoo irraa lammiileen buqqa’an buqqa’an deeggarsa namoomaa hatattamaa kan barbaadan ta’uu ibsameera.
Waldichi baatiwwaan lamaan darban keessa lammiilee sababa nageenyaan Tigraay, Beenishaanguul Guumuuz, Naannoo Kibbaa fi Oromiyaarraa buqqa’an meeshaalee yaalaa, midhaan nyaataa, iddoo jireenyaa fi meeshaalee nyaataan alaa birrii miiliyoona 30 tilmaamamu deeggaruu ibseera.
Namoonni lammiilee kanneeniif deeggarsa akaakuun taasiisuu barbaadaan dameewwan waldichaa hundatti argamuun laachuu kan danda’anii fi kanneen maallaqaan deeggarsa taasiisuu barbaadan ammoo lakkoofsa qusannoo herreegaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa 1000000902008 irratti gumaacha taasiisuu kan danda’an ta’uu waldichi ibseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.