Fana: At a Speed of Life!

Waldichi hawaasa godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasise

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Waldaan Daldala Waliigalaa Tokkummaa hawaasa godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiseera.

Abbaan qabeenyaa dhaabbaticha Obbo Tokkummaa Fiixee, kana dura deeggarsa Birrii miiliyoona 8 kan taasisan yoo ta’uu, dabalatan deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 2tti tilmaamuu taasisaniiru.

Obbo Tokkummaan, guyyaa har’aa uummata isaaniif deeggarsa taasisuutti baay’ee gammaduu ibsuun, dhalattoonni Oromoo hundi hawaasa Booranaa akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

Hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir, waamicha Abbootii qabeenyaaf taasifame hordofuun deebii hattatamaa kennameetti gammaduu eeruun, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Oromoon duudhaasaa ganamaa Buusaa Gonofaan guyyaa rakkina wal bira dhaabbaachuun ,namoonni qabeenyaa fi beekumsa isaaniin deeggarsa taasisaa jiran hunda galateeffataniiru.

Uummata miiliyoonni 3.7 sababa hongeen deeggarsa barabadaaniif Mootummaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa akka taasisan gafaataniiru.

Hawaasa Booranaan alatti godinaalee Oromiyaa hongeef saaxilamaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasifamus gafaataniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.