Waldichi fayyadamummaa dargaggootaaf hojjechaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Waldaan Dargagoota Caffee Hoji Gamtaa Galiigalaa Oromiyaa fayyadamummaa dargaggootaa mirjkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Waldichi gamaaggama raawwii hojii bara 2014 Magaala Fiicheetti gaggeessaa jira.
Waldichi ejjennoo biyyi waliin qabnu itoophiyaa dha; diinni waliinii ammoo hiyyummaadha jedhuun hiyyummaa balleessuu fi hoji dhabdummaa hir’isuu dargagoota danda’an horachuu fi gurmeessuu kaayyeffate Kan hundaa’e ta’uu fi fayyadamtummaa dargagootaatiif hojjachaa jiraachuu preezdaantiin waldichaa obbo sanyii Indashaa himaniiru.
Miseensota 150’n bara 2012tti Kan hundaa’e waldichi yeroo ammaa miseensota kuma 11 fi 55 horateera jedhame.
Gurgurtaa sheerii deegarsa qaamolee garaagaraa fi buusii miseensaarraa maallaqa argame Birrii miliyoona 300 akka kuufates beekuun danda’ameera. Magaala finfinneetti Waajjiraalee 11 kutaa magaalaa garaagaraa keessatti banachuu ibsameera.
Oromiyaa godinaalee hunda keessatti miseensa horachuu fi waajjira banuun hojiilee itti aanan ta’uu eeraniiru.
Addis Taammiraattu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.