Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee waardiyyoota Baankii Innaat gidduutti uummameen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Booleettii waldhabdee waardiyyoota Baankii Innaat gidduutti uummameen lubbuun namoota 3 darbuu ibsameera.
 
Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 3 iddoo addaa ‘Moorniing Istaar Mool’ Baankii Innaat damee Dooktar Jambar Tafarraatti waldhabdee waardiyyoota 3 gidduutti uummameen lubbuun namoota 3 darbuu Koomiishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.
 
Ganama har’aa naannoo sa’aatii 4:00tti waldhabdee waardiyoota kanneen gidduutti uummameen inni tokko meeshaa waraanaa of harkaa qabuun jaalleewwan isaa lama erga ajjeesee booda ofis ajjeesuu isaa ibsameera.
 
Sababni waldhabdichaa hin beekkamne jedhameera.
 
Ka’umsa waldhabdichaa qoratamaa jiraachuu Koomishinichi beeksiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.