Sudaan loltoota Ityoophiyaa 61 erga uggurtee gadi lakkifte jechuun odeeffannoon tibbana tatamsa’aa ture odeeffannoo sobaati – Ambaasaaddar Diinaa Muftii
Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan ilaalchisee Ityoophiyaan karaa nagaan furmaata akka argatu dursa laachuun hojjechaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbee Ministeera Dhimma alaa laataniiru.
Sudaanii fi Gibtsi mariin sadee hidha haaromsaarratti gaggeeffamu mariisiisummaa Gamtaa Afrikaa jalaa akka ba’u tattaaffii taasiisan Ityoophiyaan hin fudhattu jedhan.
Mariin sadee hidha haaromsaarratti gaggeeffamu mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufu Ityoophiyaan ejjennoo hin jijjiirramne qabdi jedhan.
Yaa ta’uutii Sudaanii fi Gibtsi dhimmichi gaaddisa gamtaa Afrikaa jalaa baasuun ajandaa idil addunyaa akka ta’uu tattaaffiin taasiisan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan dhimma kana ilaalchisee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xaalayaa barreessuu dubbataniiru.
Ityoophiyaan rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaa argachuu akka qabu ejjennoo cimaa qabaachuu isheen marichi mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka itti fufu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Adeemsa Sudaanii fi Gibtsi dhimmicha gamtaa Afrikaa jalaa baasuuf taasiisaa jiran Ityoophiyaan goonkuma hin fudhattu jedhan.
Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan ilaalchisee Ityoophiyaan karaa nagaan akka furmaata argatu dursa laachuun hojjechaa jiraachuu dubataniiru.
Sudaan loltoota Ityoophiyaa 61 erga uggurtee gadi lakkifte jechuun odeeffannoon tibbana tatamsa’aa ture odeeffannoo sobaa ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoo daangaa biyyoota lamaanii karaa nagaan furuu filannoo taasiisuun tattaaffii taasiiftu itti fufti jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.