Fana: At a Speed of Life!

Waldhaanamtoota Daranyoo Sombaa (TB) qorichaan wal bareef nyaatni madaalamaan rabsamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Waldhaanamtoota Daranyoo Sombaa (TB) qorichaan wal bareef nyaatni madaalamaan rabsamaa jira.

Waldhaanamtoota Daranyoo Sombaa(TB) qorichaan wal bareef nyaatni madaalamaan rabsamaa jiraachuu Ejansiin Dhiyeessa Qoricha Ityoophiyaa beeksise.

Nyaatichi rabsamaa kan jiru waldhanamtoota Daranyoo Sombaa (TB) qorichaan wal baree qaamni isaanii hanqina nyaataan miidhaniif ta’uu Ejansichaatti Ogeettiin Itti Waamama Dhiyeessi Galtee Daranyoo Sombaa fi Busaa aadde Meeroon Yaa’iqoob ibsaniiru.

Nyaata kan dhiyeessuf Birriin miiliyoona 6.4 baasii ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.