Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’ii qorannoo jalqabaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC) – Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’ii qorannoo jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Waldichi hojiilee qorannoo Oromoon wal qabatanirratti waan gaarii hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’icharratti qorannooleen adda addaa hayyootaan dhiyaatanii irratti mari’atamaa jiraachuu eerameera.

Hojii gaggeessaan waldaa Qorannoo Oromoo Dooktorri kabajaa Taabor Waamiin waldichi seenaa Oromoo sirnoota dabran keessa jajjifamanii barreeffaman sirreessuuf hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Kaayyoon waldichi hundaa’eef seenaa, aadaafi Afaan Oromoo irratti qorannoolee adda addaa gaggeessuun hubannoo cimaa uumamu ta’uu walitti qabaan Boordii Waldaa Qorannoo Oromoo Pirofeesar Baqqalaa Guutamaan eeraniiru.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u,Hayyoonni, Qabsaa’onni Oromoo, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi aanga’oonni mootummaa irratti hirmaachaa jiraachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.