Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa godaantoota kuma 75 ol keessummeessaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa godaantoota Sudaanii buqqa’an kuma 75 ol keessummeessaa jiraachuu beeksiseera.
Bulchiinsi Federeeshinii Waldaa Qaxxaamura Diimaa fi Waldaa Addeessa Diimaa Ityoophiyaa daawwannaa tibbana buufataalee godaantotaatti taasisaa ture ilaalchisee Waldaa Qaxxaamura Diimaa waliin ibsa laateera.
Yeroo ammaa lammiileen Sudaan sababa waraanaan buqqa’an kumni 57 fi 500 buufata Matammaa fi kumni 18 fi 223 ammoo buufata Kurmuuk qabatanii jiraachuu ibseera.
Waldichi godaantoota kanneeniif nyaata badhaadhaa, meeshaalee qulqullinaa, Ambuulaansii, maatii walitti fiduu fi tajaajila iddoo tursaa laachaa jiraachuu himeera.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa godaantoota kanneeniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10.8 taasisuu eerameera.
Taarikuu Waldasanbatiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.